Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Hiriirrii Itti Fufee Jira


Kanneen mormii Sudaan keessaa hogganan hordooftonni isaanii Kibxata har’as mormii akka itti fufuun waraanni haaraan biyyatti hogganaa jiru aangoo sivilootatti akka kennuuf dhiibna jedhan.

Kan mormii kana hogganu Waldaan ogeessootaa Sudaan Kibxata har’a hiriirri gaggeeffamee Kamiisa iftaanis akka itti fufuu fedhan.

Wiixata har’a hiriirtonni ulaa sakata’aa daandilee kan naannoo bakka itti mormii ba’anii ministeera ittisaa cina jiru to’atanii turan.

Kaawunsiliin waraana yeroo ce’umsaa bakka mormiin itti gaggefefamu Sanatti daandileen battalumatti akka banamaniif akkasumas danqaan daandii irra kaa’aman akka kaafaman gaafate.

Waraanni akeekkachiisa kana kan kennees mormitootaa fi waraana giddutti mariin gaggeeffamu eega kufee booda.

Sababaiin isaas waraanni sudaan aangoo mootummaa sivilootatti kennuu erga didee booda.

XS
SM
MD
LG