Aanaalee godina Booranaa 13n fi Godinii Gujii Bahaa akka interpiraayiziin bisaan Oromiyaa jedhetti aanaaleen gammoojjii bara hedduufuu rakkoo bisaanii keessaa hin baane.
Hujiin Laga ganna 10n duratti Gujii Bahaatti aanaalee gammoojjii keessaa bisaan baasuuf jalqaban akka warrii lafaa jedhutti ‘dhadhuma ibidda bu’e’taate.
Hujii tan birrii biliyoona hedduutti itti baha jedhanillee horii sun akka warrii nu dubbifne jedhetti gara isiin buute keessaa keessoo hin beekan.
Godina Booranaatii fi ka Gujii warra horiiti.Hujiin bisaanii amma irra deebihanii hojjachuutti jiran akka itti aanaan itti gaafatamaa interpiraayizii bisaan Oromiyaa obboo Goonfaa Baayisaa jedhetti aanaa Liiban,Anaa Har-Qalloo fi Waadereatiif hojjachuutti jiran.
Nama kuma 500 caalaa horii ammoo kuma 200 caalaa dheebuu baasa jedhanii birrii biliyoona 3 fi miliyoona 600tiin itti jiran.
Bisaan kana baasuuf haga Nageellee Booranaatti boombaa km diriirsanii itti jiran.
Warrii jidduu sun jiraatu haga Waxabajjii dhftuutti bisaan argachuu danahan jedhani abdatan. Amma bisaan sun bombaatti gadi dhiisanii humna isaanii laaluutti jiran jedha obboo Gonfaan.
Aanaaleen ammoo Gooroo-Doolaa,Hara-Qalloo fi Waadera yoo hujii tana irraa bahan bara 2012 keessas bisaan argachuu dandahan jedhan.