Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha Guutuu Oromiyaa baranaa atileetota 5,000ti wal dorgome Bishooftuutti moo’e, kubbaa harkaa dhiiraa fi dhalaalleen Booranatti dabsate


Tapha Guutuu Oromiyaa baranaa irratti Boorana,Gujii fi Shawaan Kaabaa akka dansaa jabaatan

Atileetota 5,000 tahanitti Istaadiyoomii Naqamteetti haaraatti walti yaa’anii guyyaa 15 walsigissaa bahe.Jimaata dabre dhumate.

Akka itti aanaan koomishineera koomishiinii ispoortii Oromiyaa obboo Fissihaa G/Mikaahel VOA Afaan Oromootti himetti atileetotii tun bulchiinsaa magaalaatii fi godina 40tti dhufanii istaadiyoomii Naqamtee haaraatti wal dorgomaa bahe.

Warqii hedduun fudhachuun magaalii Bishooftuu tana waliin marroo afur shaampiyoona tahe.

Naqamteetti itti aanee,sadeessoo Shaasamannee. Shaashamannee fi Jimmaan eegee walti aananii Shaashamanneen qabxii hedduu lafaa qabuun moo’e.

Godina Booranaa,Gujii fi Shawaan Kaabaa ammoo akka jecha itti aanaa Koomishineeraatti barana akka malee itti qophaahanii dhufan.

Booranii kubbaa harkaa dhiiraan fi dhalaan moo’ee waancaa badhaafame. Aadaan tokkeessoo. Dorogmmii kubbaa miilaa diviziyoonii lammeessoo irratti ammoo Jimmaan walti hafee kubbaa hindiriffoo ykn adabbii kaahaniifii 5-4 moohan.

“Gara fuulduraatti xiyyeeffannaa naannoo sanitti kenninee naannoo keennallee ijoollee bakka bu’uu dandahan uumuu akka dandahamu hubanne,” jehda obboo Fissihaan.

Gujiin aadaan lammeessoo atileetiksiin guddoo jabaatee aadaan ammoo akka jecha itti aanaa koomishineeraati jaratti akka dansaa moo’e.

Shawan Kaabaa dorgommii kubbaa miilaa diviziyoonaa tokkeessoo irratti guddoo jabaate.Dorgommii atileetiksii irratti ammoo lammeessoo bahe.

Dorgommii Guutuu Oromiyaa bara 2012 magaalaa Sabbataatti qopheessa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG