Xurree ittiin seenan

Breaking News

Venezuheelaan rakko keessa jirti Pirezidaantii isii,Nikolas Maduuroo irraa mootummaa fudhachuuf wareersuutti jiran


Opposition demonstrators face military vehicles near the Generalisimo Francisco de Miranda Airbase "La Carlota" in Caracas, Venezuela, April 30, 2019.
Opposition demonstrators face military vehicles near the Generalisimo Francisco de Miranda Airbase "La Carlota" in Caracas, Venezuela, April 30, 2019.

Venezuheelaan biyya ardii South America keessa jirtu, lafa guddoo midhaaddu ta daawwiif itti yaa’an.Ummatii isi akka henna bara 2017 horuma horee akka henna bara 2017tti miliyoona 40 jala jira.

Iddoolaa isii ta daawwiif itti yaa’an keessaa Isla de Margarita fi Los Roques archipelago fa. Haroolee isii ta biyyee adii faatii lafa addunyaan dharraatuuf.

Biyya tana akka bulchootii akka Amerikaa faati biyya bulchoota mataa jajjaboo qaban jedhanii waan mataan wal qaban. Biyya tana paartii sooshalistiitti bulcha.

Biyya tana bara 1999 haga 2013 Hugo Chaavezitti bulchaa bahe. Innii lubbuu dhabee jennaan Nikolas Maduuroo itti dabre.Maduuroo bara 2012 keessa itti aanaa pirezidaantii tolchanii filan.

Maduutoo amma dubbiin itti jabaachuutti jirti. Itti gaafatamaan paartii mormituu Juan Guaidopirezidaanti Maduroo irraa mootummaa fudhachuuf ya hidhatee ka’e. Pirezidaantummaayyuu ya uyfumaan labsate.

Amerikaa fi biyyitii haga 50 tahanilleen Maduuroon bu’uu male jedhanii yawalii galan.Itti gaafatamaan paartii mormituu kun,Juan Guaido ummataan “karaatti baafadhaa waraana biyyaa gargaaraa bilisummaa teessan deebifadhaa Maduuroo hujii irraa buufadhaa,” jedheen.

Ministerii odeeffannoo Venezuheelaa, Jorge Rodriguez ammoo ‘nama diqqaa tokkotti mootummaa gara galchuuf lafa goose’ jedhe.

Ministerii waraana biyya sunii ammoo warra biyya gurguratetti biyya gara galchuu fedhee waraanii ammoo jabeessee dhowwuutti jira jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG