Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoo fi Soomaleen waan Dirree Dawaatti wal isaan dhabsiise nagumaan falachuuf kakatanii walii galan


VOA
VOA

Dirree Dawaa magaala bulchiinsa addaatiin bultu. Laga Dechaatuu irra qubatti Dirreen. Lafa duriillee waan hedduun faarsan.

Bara hedduu asi ammoo guddoo hiyyoommattee miidhamte.Warrii lafaa amma wal dhaba nama hedduu fixee,baqachisiee fi qabeenna hedduu balleessee irratti wal mari’atee falachuutti jira.

Daarekterii Omn,Jawaar Mohaammad Istuudiyoo Omn achitti banuuf dhiyoo Dirree dhaqelleen warra lafaatii fi bulchiinsaan waan rakkoo Dirree irratti mari’ate.

Bulchiinsii Dirreelleen warra lafaa marroo hedduu walti yaamee mari’achiise. Marii akkanaatiin keessattuu sanbata duraa ijoollee kahimaa Oromoo fi Somaalee akkuma aadoo nagaa irratti wal haasahanii nagaa lafaa eegachuuf walii galan.

Marii tana daarektera Omn,Jawaar Mohaammadii fi bulchiinsii Dirree itti dhufee mari'achiisee walii galche.

'Dirree Dawaa Oromoo fi Soomalee waliin qabatan dhiisii orominuu itti dhufee nagaan walin jiraata'
'Dirree Dawaa Oromoo fi Soomalee waliin qabatan dhiisii orominuu itti dhufee nagaan walin jiraata'

Ijoollee kahimaa Somaalee keessaa Ibraahim Semiiree akkana jedhe.”Dhugaa waaqaa isanii jedhaa,laftilleen soomaa nagaa Dirree walumaan eeganna.”

Korii kun mari’achuma mari’atee eegee itti aanaan bulchiinsa Dirree Dawa Mahaadii Giree ijoollee nagaa irratti ijoollee waada aglachee kora hobbaafatan.

Dirree Dhawaa biyya sabni cuftii Itoophiyaa qofa keessaa osoo hin tahin biyya Arabaa irraa,biyya Indii itti dhufu.

Diiree Dawaa keessaa "Somaalee fi Oromoo ollaa jiraatu dhiisii.. bakka adda addaa irraa dhufee namuu carraaqqatee keessa jiraata.Namu wal dandahee dinagdee guddifachaa carraaqqachaa nagaa magaalichaa eegachaa waliin jiraachuun hedduu barbaachisaa.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG