Mootummonni rakkoo keessa jiran kanneen faallaa fedhii uummataa hojjatan waan ta’aniif fonqoolcha mootummaa, filmata wal falmisiisaa fi isaan mudatee preesii cufuu jedhan daayreekteerri VOA Amandaa Beenet.
Waari akkasii odeeffannoo sirriin humna inni qabu waan hubataniif jecha uummanni humna guddaa akka hin horannee godhu.Kanaaf humna aangoo isaanii kana ofii dhunfachuuf jecha preesii cufu jedhan.
Uummata biyyoota addunyaa keessa jiraatu dhibba keessaa harka kudha sadii qofti preesii walabaa akka qabu dhaga’uun rifaasiisaa dha kan jedhan Amandaan uummanni odeeffannoo isa barbaachisu akka argatu gochuuf hojjataa jirra jedhan.
Oduu gabaastoonni VOA biyyoota adda addaa keessatti hojii gaggeessaniif jecha akka reebaman, hidhaman, meeshaan isaanii akka irraa fudhamuu fi yeroon itti ajjeefamanis jiraachuu dubbtanaii yeroo ammaa garu kan hidhame hin jiru jedhu.
Gbaasa guutuu caqasaa