Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Waggaa Tokko Keessatti Walabummaa Preesiif Balbala Saaquun Bakka Turte Irraa Sadarkaa 40 Ol Tarkaanfatte, Jedhame 


Sadarkaa Ol’aanaatti Ayyaaneffannaa Guyyaa Walabummaa Preesii magaalaa Finfinneetti geggeessame irratti kanneen haasawa dhageessisan, Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti gama uggura sabaa himaa irra ture jijjiiruu ishee faarsan.

Bara dabre kana, yeroo Addunyaa irratti gaazzexeessonni gara dhibba tokkoo ajjeesamanii fi gara dhibba sadii mana hidhaa jiranitti, bakka jijjiiramni guddaan ni taaha jedhamee itti hin eegamiin Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni argamuun, hafuura abdii gaarii uumee jira. Sirna kabajaa Ayyaana Walabuymmaa Preesii Addunyaa Itiyoophiyaa keessatti ayyaaneffametti hirmaachuuf, UNESCOn afeeraman – gaazzexeessaan biyya Paakistaan Hamiid Miir, kana ilaalchisuun ennaa dubbatu,

“Kun anaaf ajaa’ibaa guddaa dha. Waggaa tokko dura, bara 2018 Itiyoophiyaan biyya itti gaazzexeessonni mana hidhaa jiranii fi gaazzesxaalee fi marsariitiileen ugguraman turte. Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed yeroo taayitaatti dhufanitti, miidiyaa walaba taasisan. Hidhamtoota siyaasaa ni hiiksisan, gaazzexeessonni hedduun ni hiikaman. Kanaaf, UNESCO, Konferensii Walabummaa Preesii Addunyaa Itiyoophiyaa keessatti geggeessuuf murteessuun isaa baay’ee sirrii dha. Kanaaf, ittan hirmaadha, jedheen simadhee dhufe,” jedhe.

Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa guddaan taasisame iyyuu, waggaa dabre danqaalee hedduu tu ture. Baatiilee dabran keessa hookkarri sab-lammummaatti fuuleffate biyyattii tasgabii dhorke. Lakkoobsi namoota biyyattii keessatti qehee ofii irraa buqqa’anii miliyoona sadii gahee jira. Miliyoonni tokko eega Muummichi-ministaraa Abiyyi taayitaa qabatanii as kanneen buqqa’ani.

Muummichi-ministaraa Abiyyi kana ilaalchisuun ennaa dubbatan, nagaa fi tasgabbii biyyattii kanneen yaaddoo keessa buusan keessaa tokko, “sabaa-himaalee itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne” jedhan. Ayyaana walabummaa Preesii Finfinneetti geggessame tokko irratti ennaa dubbatan, akka hundinuu itti gaafatamummaan hojjetu waamicha godhan.

“Dhaabbatoonni miidiyaa fi gaazzexeessonni biyya keenyaa, haala dandeessisaa ammaa uumame kanatti gargaaramuudhaan, akkaataa itti gaafatamummaa qabuun sagalee fi qalama isaaniitti fayyadamuu qaban. Miidiyaadhaaf dirreen walaba tahe banamuun, oduu dogoggoraa, haasaa jijjinsaa fi oduu sobaaf haala miijessuu akka hin ta’iin hubatamuu qaba,” jedhan – Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG