Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Ganna Dheeraaf Jiruu Baqaa Keessa Jiraannee Waa Hedduu Dhabne’ Baqattoota Oromoo


‘Ganna Dheeraaf Jiruu Baqaa Keessa Jiraannee Waa Hedduu Dhabne’ Baqattoota Oromoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:41 0:00

Akka Dhaabbati baqataa UNHCR ka Keeniyaa jiru jedhutti biyya Keeniyaa keessa baqattoota lammii Itiyoophiyaa kuma 27 oltu jira. Dhiyeenya haala siyaasaa biyyattii keessatti mullataa jiruun lakkoofsi lammilee gara biyyoota ollaatti rakkoo siyaasaan baqatanii hirratanus ammas baqattoonni duraan Keeniyaan jiran ‘jiruma baqannaa’ duraaniitti jiru. Hedduun baqattoota kanaa warra ganna hedduuf jiraataniidha. Baqattoota Oromoo as Naayroobii jiraatan keessaa nami lama ka wagga saddeetiif jiruu baqaa jiraatan ‘ganna dheeraaf baqataa ta’uun akkam akka ta’e VOA’f himanii jiru. Isaanis ‘Baqataa taanee ganna hedduu jiraachuun

waan hedduu nu dhabsiise' jedhu. Dhaabbileen namoomaa silaa baqattoota gargaaran namoota akkas baqaan turan gargaaruullee malan jechaan komii kaanis himatu.

Dhimma Baqattoota Kanaa ka hordofu dhaabbati UNHCR waan egeree baqattoota ganna hedduuf baqaan jiraatan kanaa waan sadii dubbate. Inni duraa baqattootni kun haalli nageenya biyya isaanii yoo fooyya’e biyyatti akka ofirra deebi’an gochuu, lammee; carraa biyya sadaffaatti dabarfamuu isaaniif laachuu; kun garuu akka dhaabbatichi jedhetti carraa baayyee murtaa’aadha. Bara darbe kana qofaa baqattoota silaa carraa kana barbaadan miiliyoona 1.2 keessaa kuma shantamii shan callaatu argatee jedha.

Inni sadaffaan baqattootni biyya itti baqatan keessatti hawaasa isaan simate waliin xinnaatu karaa diinagdee akka hidhata godhatanii jireenya qajeelfatan gochuudha jedhe.

Kanaaf fuulduree aqattoota kanaa kana jedhanii murteessuun amma rakkisaa ta’uus hime.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG