Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabiitti Sambata Duraa Darbe Namoota 10tu Ajjeefame: Jiraatota


Oromia map
Oromia map

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabiitti Sanbata duraa dabre, namoonni kudhan otuu cirracha konkolaataa fe’isaatti fe’ataa jiranii ajjeesaman, jechuun – jiraataan yeroo ajjeechaan sun raaw’atamu ijaan arge – jedhan Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Namoota ajjeefaman keessaa dargaggoon hojii humnaa hojjatee of barsiisu akka jiru, kan ani obboleessa isaa ti, jedhu namni ka biraan dubbatee jira.

Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa Godinaa Wallagga Lixaa immoo, waa’ee ajjeechaa jedhame kanaa akka qorannoo gochaa jiran dubbatanii, naannoo ajjeechaan sun itti raaw’atametti, gaafuma sana hidhattoonni isaan “ABO Shanee” ittiin jedhan lama qabaman, jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan. Dabballeen Waraana Bilisummaa Oromoo, ka zoonii Lixaa gama isaaniitiin, “Namoota sana kan ajjjeese waraana Mootummaa ti. waraanni bilisummaa Oromoo mootummaan qabames hin jiru,

” jechuun deebii kennan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, gara baatii tokkoo dura, hooggansa ABO qabsoo siyaasaa karaa nagaa geggeessuuf, Finfinnee jiru irraa ajaja fudhachuu dhaabuu isaa fi kanaafis qaama Ajaja Waraaraa Ol’aanaa WBO hundeessuu isaa labsuun ni yaadatama.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:32 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG