Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan itti gaafatamaa basasaa isii ka durii, Geetaachoo Aseffaa fi miilota isaa nama 26 wanjalaan himachuutti jirti


Itoophiyaan daarekter Geetaachoo Aseffaa fi hojjattoota nagaa biyyoolessaa 26 seeraan himachuutti jirti

Jara kana keessaa nama 22 qaraa qabanii hidhaa jiran.Walumattu nama 46 akka kanaan himatan.

Namii fulaa isaan hin jirretti himatan daarektera tajaajila waajjira odeeffannoo nagaa biyyooleessaa:

Geetachoo Aseffaa,

Atsibihaa Gidey

Aseffaa Belaay

Shedhaay Lihul ammatti hin agarree garuma jiranitti himatan.

Jara keessaa hagii tokko hujii seerii kenneef dhiisee waan hujii isaanii hin tahin keessa seenee ilmee namaa irratti wanjala guddaa hojjateen himatan.

Akkuma kanaan obboo Geetaachoon itti gaafatama ministeraatti daarektera nagaa biyyoolessaa tahee hojjachaa bahe itti gaafatama guddaa itti kennana kanaan wanjala guddaa hojjate jedhan.

Abbaan alagnaaa addaa Itoophiyaa jara kana fulaa sadiitti qoodee himate;itti gaafatamtoota wanjala qoratan,itti gaafatamtoota manneen hidhaa,itti gaafatamtoota tajaajila odeeffannoo nagaa biyyoolessaa fi hojjattoota jedhee gargar baasee himate.

Warra harkaa qabanii garuma jiranitti himachuutti jiranillee mana murtii federaalaa Lidetaatti naqaashii itti yaammatee himachuutti jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG