Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Dhohiinsa Boombii Dambii Dolloo Keessatti Dhaqqabeef Gam Lama Wal Himataa Jiru


Magaalaa Dambi Doolootti kaleessa boombiin dho'ee nama tokko yeroo ajjeesu, lama ammoo madeesse jedha namni obboleessi isaa akka duraa madaa'e dubbatu. Namni kun eenyu akka darbate hin beeku jedheera-yaada Raadiyoo sagalee Ameerikaaf kenneen.

Itti gaafatamaan Pablisiitii Paartii Diimookiraatawaa oromoo kan boombii kana darbate "ABO Shanee' dha jedhu.Dabballeen Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa ammoo WBO'n kana hin godhu jedhan.
Gama biraan, Waajjirri Kongirasii Federaalistii Oromoo Godina Wallagga Bahaa miseensotni paartichaa sadii hidhamuu beeksiseera.

Namoota hidhaman keessaa haati Warraa Haayilee Solomoon, abbaan warraa ishee akka mana murtiiti hin dhiyaatinii fi amma ammoo dhukkubsatee jiru Raadiyoo sagalee Ameerikaatti himteetti.
Komaand poostiin godinichaa dhimmi kun na hin ilaallatu jechuun deebii kennuu baatus Haroo limmuutti garuu namni sababa siyaasaaf mana hidhaa jiru nu bira hin jiru jechuudhaan bulchaan aanichaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Gabaasa Guutuu Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:50 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG