Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha dorgommii kubbaa miilaa nadheen addunyaa Faransaayitti taphataniif qophaa'uuf kalee taphataniin US Afrikaa Kibbaa 3-0 garafte


Nadheen addunyaa dorgommii FIFA guyyaa 25 keessatti Faransaayitti jalqabaniif kurfoo jiran
Nadheen addunyaa dorgommii FIFA guyyaa 25 keessatti Faransaayitti jalqabaniif kurfoo jiran

Dorgommii kubbaa miilaa nadheen addunyaa Paaristtitti taphataniif addunyaan fuula Faransayiti rarattee itti yaa’uutti jirti.

Samantaa Wemis goolii lama keessa buuftee Carli Lloyd tokko irra buufteef.

Akka kanaan US Afrikaa goolii sadii itti guurtee duwwaa galchite.Dorgommii tana keessaa Afrikaan biyya sadii keessaa qabdi.

Gareen kubbaa Miilaa Amerikaa addoo nama kuma 23 dhiyaattu istaadiyoomii Levis Santa Claratti bahee daawwatuu,taphalleen jeertessite Afrikaa Kibbaa duwwaa galchite.

Rose Levelle daqiiqaa 37 irratti kubbaa Samnataha Mewis dura buufte, Mewis irraa fuutetti keessa buufteef.

Daqiiqaa 78essoo irratti ammoo Mewisiin tanaan lammeeffadhe jettee tokko itti daratte.

Saati hobba’uuf dhudhukattu, daqiiqaa 92essoo irratti ammoo Carli Lloyd tokko itti eebbiftee taphii sunumaan dhumatte.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa FIFAn qopheessuu bara 1991 jalqabde.USA marroo sadii moote.

Amma biyya 24ti walti qophaahuutti jira.Afrikaan. Naayjeeroiyaa, Kaameruun fi Afrikaa Kibbaa achii qabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG