Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Nageenyaa Oromiyaa Lixaa


Haalli Nageenyaa Oromiyaa Lixaa jiru yaaddessaa tahuu dubbatu, barsiisonnii fi qorattoonni Yunivarsitii Wallaggaa lama. Mootummaa fi qaama mootummaa mormu jidduutti Akka Lakkoofsa Itoophiyaa Fulbaana bara 2011 irraa eegalee walitti bu’insa uumamaa jiruun uummatni Oromiyaa Lixaatti argamu gama diinagdee fi hawaasummaan guddhaa akka miidhamaa jirullee dubbatan.

Wallaggaa Yunivarsitiitti, barsiisaa fi qorataa mirga namoomaa – Dr. Gammadaa Fiqaaduu fi Barsiisaa Saayinsii siyaasaa fi qorataa nagaa fi tasgabbii – Obbo Galataa Gammachuu, VOAf ibsa kennnaniin, Namootni nagaan walitti-dhukaasa qaamota lamaan jidduutti deemsifamuun kan ajjeefaman yoo tahe hawaasni mootummaa biyya geggeessurraa abdii kutataa deema, jedhu. Gama lamaanuu yoo waraansa dhaabuun gara mariitti deebi’anii rakkoo mudataa jiru hin dhaabne boora’uun nagaa Oromiyaa Lixaatti mullatu gara bakkawwan biroottis akka baballachuu malu hubachiisan. Waan furmaata tahuu mala jedhanillee dubbatanii jiran.

Naakoor Malkaa tu hayyoota lameen waliin marii geggeesse.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:32 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG