Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Namoota Jahaa Muggiitti Raaw’atamee

Ajjeechaa Namoota Jahaa Muggiitti Raaw’atameef Mootummaa fi WBOn Tokko Isa Kaan Balaaleffataa Jiran.

Godinaa Qellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo magaalaa Muggiitti kan Mootummaan “ABO Shanee” ittiin jedhu hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo - WBO Boombii darbachuun namoota jaha ajjeesan, jedhan Itti gaafatamaan Sab-quunnamtii Paartii Dimookiraatawaa Oromoo godinichaa.

Dabballeen WBO Zoonii Lixaa gama isaaniin lola geggeeffameen waan WBOn injifatamaniif yeroo gara magaalaatti deebi’an namoota nagaatti dhukaasanii ajjeesanii jechuun dubbatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:44 0:00

XS
SM
MD
LG