Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanna Id Al-Faxir


Ayyaanni Id Al-Faxir waggaa kuma tokkoo fi dhibba afurii fi afurtamaffaan, bakka uummatni Musliimaa argametti Solaata Iidiin ayyaaneffamee jira.

Sirna ayyaaneffannaa Istaadiyeemii Finfinneetti geggeessame irratti prezidaantiin dursaan Mana-maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa – Muftii Hajii Umar Idirisii fi Itti-aanaa Kantiibaan magaalaa Finfinnee – Obbo Taakkelee Uummaa argamanii haasawa godhanii jiran. Gama biraatiin ayyaanni Id Al Fexir 1440ffaan kun akka naannoo Oromiyaatti magaalaa Buraayyuu bakka Ashawaa Meedaa jedhamutti kabajamee oole.

Ayyaanna kana sababeffachun hordoftootni amantaa kirstaana eega salaatni xumurame bodaa harka dhiqachiisuun affeerra nyaataa fi dhugaatii qopheessaniin hawaasa Musliimaa soomana hiiksisanii jiru. Itti aanaan Pirezidaantii Bulchinsa Motummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimaliis Abdiisaas sirna kana irratti argamanii jiran. Gabaasaalee bakkawwan lameenii guutummaa isaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG