Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphataan Kubbaa Miillaa Naqamtetti Rasaasaan Ajjeesame. Boombiin Hoteelatti Dhohemmoo Namoota Hedduu Madeesse


Kaleessa galgalaa magaalaa Naqamteetti eega Boombiin hoteela Faakt jedhamutti dhohee booda, naannawa sanatti dhukaasa miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa baneen lubbuun taphataa kubbaa miillaa tokko dabre, jechuun leenjisaan isaa VOAtti himan.

Leenjisaan kun Boombii hoteelichatti dhoheen madaa’uu isaaniillee dubbatanii jiran.

Hospitaalli Naqamtee Namni tokko du’uu fi namootni madaa’an torba ka yaalaman tahuu dubbate.

Waajirri dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Magaalichaa boombiin hoteelichatti dhohuu fi booda dhukaasa banameen taphataan sun ajjeesamuu ibsee, garuu eenyu akka gochaa kana raaw’ate akka hin qulqulleeffatiin dubbate.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:51 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG