Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimad Sudaaniin Daawwatan


Kan har’a Sudaanitti imalan muummichi minitraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed hoogganaa gumii mootummaa waraanaa ka Ce’umsaa Sudaan Letnaant Jeneraal Abdul Fattaa Al Buraanii waliin wal arganii mari’atanii jiru.

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Kaartumiin kan seenan har’a ganama ture. Maal irratti akka mari’atan garuu hin ibsamne. Muummichi ministeerichaa turtii isaanii Kanaan humnoota mormitootaa waliinis wal arganiiru. Mariin sun kan geggeessame humni waraanaa bulchiinsa siviliitti akka dabarsu gaafataa kan jiranii fi bakka bu’oota walabummaa fi humnoota jijjiiramaa kanneen jedhaman waliin ture.

Muummichi ministeerichaa marii Kanaan Itiyoophiyaan naannoo kana keessatti nageenyi akka buufatu gochuuf murannoo qabaachuu isee ibsuu isaanii waajjirri isaanii ibseera.

Sudaan keessatti nageenya fiduuf dhimmi ijoon tokkummaa ta’uu isaa illee cimsanii yaadachiisaniiru jedha ragaan waajjira muummicha ministeeraa irraa argame beeksiseera.

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed yeroo isaan Kaartumitti imalan haalli siyaasa Sudaan wal xaxaa ennaa ta’etti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:18 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG