Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa Namoota Bara 1997 Ajjeefamaniif Sirna Yaadannoo Qopheesse


Paartiin Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa, Filannoo akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1997aa booda, lammiwwan biyyattii Waxabajjii tokko bara 1997 ajjeesaman yaadachuuf, har’a, maatii fi firoota namoota ajjeesamanii waliin sirna yaadannoo geggeessee jira.

Maatii miidhamtootaa tii ala, miseensonnii fi deggertoonni MIAD akkasumas keessummonni afeeraman sirnicha irratti argamanii jiran.

Waggoota 14 dura, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1997, eega filannoon geggeessamee booda, “sagaleen hatamee jira” jechuudhaan kanneen magaalaa Finfinnee keessatti hiriira bahan irratt i tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhataniin, namoonni hedduun du’uun ni yaadatama.

Kanneen sirna yaadannoo har’aa irratti argaman - haadhotiin ijoolleen isaanii jalaa ajjeesaman, qaamonni ajjeechaa kana raaw’atan akka seeratti dhihaatan gaafatanii, gara fuul-duraattis gochaan akkanaa akka hin raaw’atamne waamicha dhiheessanii jiran – jedha – gabaasaan keenya – Melleskaachew Amahaa, Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG