Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroon Paarlaamaa Keessa Ture Waaniin Jalqabee Hin Xumuriintu Jira. Kanaaf Filannoo Dhufuutti Hirmaachuun Fedha: Obbo Bulchaa Dammaqsaa


Obbo Bulchaa Dammaqsaa
Obbo Bulchaa Dammaqsaa

Hayyuu Oromoo akkasumas siyaasa Oromoo keessaatti beekamaa kan ta’an Obbo Bulchaa Dammaqsaa Umriin isaanii 88 guutee jira.Waa’ee seenaa isaanii fi karoora gara fuula duraatti qaban kan ibsan Obbo Bulchaan yeroon paarlaamaa keessa tureetti waaniin jalqabee hin xumuriin hafee waan jiruuf filannoo dhufuutti akka nama dhunfaatti Bojjii keessatti dorgomuun fedha jedhan.

Saayinsii siyaasaa(polotikaal saayiins) fi barnoota seeraan yunivarsitii Finfinnee irraa digrii duraa lama kan qaban Obbo Bulchaan Yunaaytid Isteetes keessatti immoo barnoota Dingadee ykn Ikonomiksiin digrii lammaffaa (maastars Digrii) argatanii jiru.

Barnoota isaanii Amerikaa keessaa eega xumuranii booda biyyatti deebi’anii Jalqaba ministeera maallaqaa kan Itiyoophiyaa keessatti hojii jalqabuu isaanii achiis waajiiraa Baankii addunyaa Amerikaa keessaa akkasumas waajiira haadhoo kan Tokkummaa mootummotaa isa Niiw yoork jiru keessa hojjataa turan.

Dhuma irrattis biyyoota Afrikaa sadii keessatti waggoota kudha lamaaf bakka bu’aa tokkummaa mootummotaa ta’uun hojjatan. Dhuma irratti sorataan gara biyyaatti deebi’an.Umriin koo 88 ta’uus sammuun koo sirritti waan yaaduuf akkasumas fayyaan koo guutuu waan ta’eef filamee hojjachuun danda’aa jedhu.

Gaaffii fi Deebi Guutuu Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:55 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG