Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinii Arsii barana yoo gannii tole midhaan kintaala miliyoona 20 oli galfachuuf kurfoo jira


Kuusaa suuraalee
Kuusaa suuraalee

Arsiin barana lafa qarxii kuma 500 caala irratti midhaan facaafachuuf kurfoo jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00

Godinii Arsii lafa jiituu Oromiyaan qabdu hedduu keessaa tokko. Midhaan Arsiin facaafattu hagii guddaan Qamadii fi Garbuu. Lachuu sanyii akka akkaa qaba.

Arsiin bokkaa Arfaasaa fi Gannaatiin midhaan facaafata. Bokkeen lachuu akka silaa fedhanitti biyyaa hin buunee amma haguma qarxii kuma 50 qofa facaasan.

Silaa Gannii Gurrandhalaa keessa akka aadoo rooba.Akka itti gaafataman biiroo qonna Arsii ,Abbaabbuu Waaqo jedhetti amma Caamsaa wadhakkaa jiranii taatullee ammatti bokkeennii akka dansaa roobuutti jira.

Warrii baddaa fi gammootii bokkaa yoo gara garaa argata.Yoo barii tole lafa qarxii ykn kuma 500 fi 90 facaasuuf kurfoo jiran.

Yoo barii tolee bokkeennii dansaan roobe lafa tana irraa midhaan akka obboo Abbaabbuun jedhetti maasaa qonnaan bulaa irraa argatan kintaala miliyoona 20t caala.Midhaan kun hagii guddaan qamadii fi garbuu.

Arsiin sanyii qamadidi gosa hedduu qabdi: qamadii daabboo,qamdii biiraa,paastaa fi mokkoroorii fi kkf.

Qabeenna uumata Arsii

Gaara Cilaaloo,Gamsaa baddaa,laga Kasaaraa.laga Qalaxaa,Geedala Diimtuu,nyaaeca fi hedduu.

Cilaaloo barana hektaara 4,000tti gubate wagga itti aanu biqiltuu tana dhaabuuf waadaa gala.Bokkeennii Golochaa fi Dhummuugaa roobe manneen hedduu jisse

Akka obboo Abbaabbuun jedhetti bokkeennii lafa gammoojjii roobe Golochaa fi Dhummuugaa keessaa manneen heddu irraa qorqooroo guurrate.Garee tana qorattu itti erganii laaluutti jiran.

Arsiin aanaa gammoojjii 23 fi aanaa magaalaa sadii qabdi.Midhaan Arsii yoo heddu biyya qallaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG