Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaan Magaalaa Dambii Dolloo Rasaasaan Mada’an, Hoggansa Adda Addaa Irra Kan Jiran Angawoonni 8 Butamanii Fudhataman


Magaala Dambii Doolloo
Magaala Dambii Doolloo

Jimaata darbee Waxabajjii 7 bara 2011 Godina Qellam Wallaggaatti bulachaan magaalaa Dambii Dolloo kan ta’an Obbo Taaddalaa Gammachuu haleellaa rasaasaan mada’anii jiru.Itti gaafatamaan ijaarsaa fi siyaasa baadiyyaa godina Qellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Baqqalaa haleellaa kanaaf ABO Shanee shakkanii jiru.

Guyyuma bulchaan magaalaa rasaasaan mada’an kana sadarkaa godinaatti hoggansa adda addaa irra kan jiran aangawoonni 8 aanaa Anfilloo irraa leenjiif jecha geejiba uummataan gara Finfinneetti imalaa ituu jiranii magaalaa Muggii fi Ashii giddutti qaama hidhateen iggitamanii fudhatamuu isaanii fi haga ammaatti eessa buteen isaanii dhabamuu Obbo Gammachuu Baqqalaa ibsanii jiru.

Tarkaanfii kanaaf aangwaan kun kan shakkan ABO Shanee deebii gama isaa akka kennuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jedha Naakoor Malkaa.

Gabaasa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG