Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Finfinnee akka dhoqodhoqqee eeyyama hin qamnee fi makiinaa fahiisa gugurdaan saatii malee Finfinnee keessa hin yaane hajaje


suuraa faayilaa
suuraa faayilaa

Dubbii tana guyyaa dheengaddaa muran.Akka itti aanaan biiroo dinagdee fi geejjiba karaa FinfinneeDr. Solomoon Kidaanee jedhetti makiinaa wal irraa sablisuuf fi nagaa warra karaa yaahuu eeguuf hajajii kun bahe.

Waan karaa Finfinnee dhiphese keessa akka Dr Solomon jedhetti tokko dhoqdhoqqee.

Dhoqdhoqqeeyyuu karaa yaahuu dhowwuufi mitii seera jiru adaba qabsiisuuf bahe.

Finfinnee fi olloota Finfinnee keessa warra eeyyma qabu malee dhoqdhoqqeen seeraan hin galmaahin hin chochootu.

Warra eeyyama qabu waraana biyyaa, warra nagaa lafaa eegu,tiraafikii fi warra kakkanati.Jarilleen milkeeta beekaniin qabaachuu male.

Manneen poostaa fi embaasiilleen eeyyama baafatanii oofan.

Warrii dhoqdhoqqee oofee tanumaan bulu ammoo akka Dr.,Solomoon jedhetti milkieeta dhaaba ufii baafatee galmaahee oofuu dandaha.Akka waldaa jaarranii eeyyma hin argatani tolchuuf hujiitti jiran.

Dhoqdhoqqee malee makiinaan fahiisa gugurdaalleen saatii malee Finfinnee keessa hin yaa’u.

Makiinaan fahiisaa gugurdaa ganama akka saatii Itoophiyaatti 12:30-galgala saatii 2 Finfinnee keessa hin chochohu.

Karaa Finfinnee gugurdaa irra dhaabachuu hin dandahu,hin fa’atuu mi’allee hin buufatu.

Makiinaan gugurdaan ka kintaala 35 caala fahatu.Makiinan fahiisa didiqqaa Isuzu gadiilleen ganama saatii ganama 4-10 yaa’a.Achiin duubaatti hin yaahu hin dhaabatullee.

Seerii kun akka henna Itoophiyaatti Waxabajjii 30,2011 hujii jalqaba.

Godina Booranaatiifi Gujiilleetti dhodhoqqee ya karaa yaahuu dhowwan. Odeeffannee isanittiin dachaana.

dhodhoqee karaa yaahuu dhowwuu kan Booranaa fi Gujiillee tanuma keessatti dhageennaa isanittin dachaana.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG