Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Waxabajii 22 Laalchise Ibsa Imbaasin Yunaaytid Isteets Baasee


Haleellaawwan lubbuu pirezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa, Dr. Abaachoo Makonnin, hogganaa Raayyaa Hittisaa Itoophiyaa Itamajoor shuumii janaraal Sa'aaree Makonnin, gorsaa waajira mootummaa Amaaraa Azez Wasee, akkasumas janaraal Gezayi Abarraa galaafate yeroo dhageenyu rifaatuu fi gadda guddaatu nutti dhagahame.

Ajjeechan badaan kun maatii fi hiriyoota isaanii qofaa odoo in ta'n biyyaatiidhafis miidhaa guddaadha.

Yeroo kanatti maatii namoota lubbuun darbee fi miidhan irra gahee, akkasumas, uummata Itoophiyaa maraaf gaadda keenya ibsaa, mootummaan keenya akka sin bira dhaabbatu beeksisuu barbaanna.

Janaraal Sa’aaree Makonnin fi Dr. Ambaachoo Makonnin Ajjeefaman

Halleellan namoota kana irratti geggeeffame dhabbillee isaan hogganaa turan irrattis an geggeeffame ta’uu hubanna.

Itoophiyaan yeroo rifoormii gama siyaasaa fi diinagdee geggeessaa jirtu, hegeree badhaadhinaa fi dirree siyaasaa hunda hirmaachisu ijaaruu irratti xiyyeeffattee jirtu kanatti Yunaaytid Isteets biyyatti cinaa dhaabbachuu cimsiteet itti fufti.

Kanneen jeequmsaa filatanii tokkuummaa Itoophiyaatti gufuu ta’uu filatan lammiiwwan biyyaattiiti hudaatti danqaa ta’an. Kanaafu, deeggarsi nama tokkootuu isaan in gitu. Gama keenyaan, qaasmoota kana cimsineet balaaleffanna.

Ummanni Itoophiyaa hunduu tokkummaa cimsuu fi rifoormii deemaa jiru deeggaruudhan kaayyon jarreenii akka fashalaahuu gahee isaanii akka tabatan jajjabeessina.

Yunaaytid Isteets lammiiwwan Itoophiyaa tokkuummaa, guddinaa fi hegeree tasgabaahaa uumuuf hojjatan hunda bira dhabbatti.

Cimina mootummaa Itoophiyaa, dhaabbillee biyyattii, akkasumas ummata Itoophiyaa mirkaneessuf qarqaarsa goonu hunda itti fufna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG