Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahimed Paarlaamaaf Ibsa Kennan


Muummee mininstiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad
Muummee mininstiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Mummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Dr. Abiy Ahimed raawwii bajata waggaa mootummaa isaanii mana marii bakka bu’oota uummataaf dhiyeessanii jiran. Gabaasa isaanii keessatti jijjiirama argametti aansuu dhaan hoogganoota mormii uummataaf ittiin ka’umsa ta’an jijjiiru fi akkaataa hojii waaltaalee fooyyessuun tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa hanga tokko ta’uu ibsaniiru. Fonqolcha mootummaa raawwatamee fi uummata qe’ee ofii irraa godaanan ilaalchisees ibsa kennaniiru.

Amantiiwwan addaa addaa keessatti adda addummaan jiru dhiphaachuu isaa illee ibsaniiru. Jijjiirama Kanaan lammiiwwan biyyattii kuma 45 ol ta’aan dhiifaan lammiiwwan biyyattii keessaa kuma 100 immoo hidhaa dhaa gad dhiisamuu gabaasa isaanii keessatti ibsaniiru.

Torban darbe keessa hooggana naannoo amaaraafi hoogganaa raayyaa waraanaa irratti ajjeechaa raawwatame ilaalchisee jijjiirama kana irraa bu’aan argadhe qaama jedhee labse irraa qormaata akkasii hin eegne jedhanii kanneen haleellaa raawwatame keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman hojiin adda baasuu itti fufeera jedhaniiru. Itiyoopiyaa ishee ammaa keessatti fonqolcha mootummaan raawwadha jechuun maratummaa dha kan jedhan muummichi ministeeraa Abiy, dhugaa qabannee hojjenna waan ta’eef kan nu dhaabsisu hin jiru, Waaqni biyyattii illee nu waliin jira jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:49 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG