Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayvori Kosti Nambiyaa 4-1 dhidhimsite Koongon Zimbabuwee 4 dhooftee duwwaa galchte,ijoolleen Afrikaa Masriitti yaatee wal qoraasutti jirti


Afcon 20115 (Zambia, Tunisia)
Afcon 20115 (Zambia, Tunisia)

Ijoolleen Afrikaa jara biyya kilaboota biyya alaatii qabanillee itti yaammattee diida Masriitti wali yaatee wal dogommii kubbaa Afrikaa,AFCON irratti wal qoraasuutti jirti.

Aljeeriyaan Taanzaaniyaa qaata goolii sadii itti galchitee taphii dhumachuutti jiraa Keenyaa fi Senegaal 0-0 jiran.Haga ammaatti marroo 28 taphatanii goolii 59tti gale biyya 24tti wal irra marsee taphachuutti jira.

  • Bori Beenin Kaameruun
  • Giinii-Bisawu Gaanaa
  • Angoolaa Maalii
  • Moritaaniyaa Tuniiziyaatti taphata.

Dorgommii tana magaallan Masrii afuri keessatti istaadiyoomii jaha keessatti taphatan.

Abbaa moo’e $miliyoona 4.5

Lammeessoon $2.5

Sadeessoon $miliyoona 2 argata.

AFCON barana eennutti moo'a?

Masrii: marroo 7 waancaa Afcon moote bara 2010 isiitti moo’e. Biyya dorgommii tana qopheessite tahuu qofaa mitii nama akka Mohaammad Saalaa Liverpool keessaa dhufatteen.

Senegaal: Isiilleen biyya moohuu dandeetti jedhanii herregatan.Isiilleen Sadio Mane EPL Liverpool keessaa dhufatteen.

Naayjeeriyaa: Yoo barana mootee mootummaan galatte waancaa shan mootee jechuu.

Morookoo,Aljeeriyaa fi Gaanaa: jari kunilleen barana moohuu dandahan jedhanii abdii qaban.

Dorgommii Afcon Adoolessa 21 jalqabanii Hagayya 19 dhumatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG