Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Godina Gujii Kanneen Nagaa Jeeqan To’annaa Jala Oolche Jedha


Godina Gujii, Oromiyaa, Itoophiyaa
Godina Gujii, Oromiyaa, Itoophiyaa

Naannoo Oromiyaa bulchiinsi godina Gujii to’annaa jala oolche kan jedhe namoonni 260 ol ta’an waggoota lamaan darban keessa gosoota Geedi’oo, Burjii fi fi dhaloota Koree naannoo sana irraa buqqaasaniiru, dhiittaa mirga namaas irratti raawwataniiru jechuun kan shakkee dha.

Shakkamtoonni 222 marsaa duraan kan qabaman yoo ta’u namoonni 40 ta’an immoo hanga har’aatti kaleessaa qabanii kanneen to’annaa jala oolaniiru jechuu dhaan bulchaan godinichaa obbo Abarraa Bunoo dubbataniiru.

Yakkamtoonni 89 murtii argachuu bulchaan kun ibsaniiru. Haa ta’u malee haalli murtichaa bal’inaan hin ibsamne.

Ol aantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetaa jirra. Garee poolisii qorannaa geggeessu hundeessinee shakkamtoonni hedduun to'annaa jala oolanii kanneen 89 ta’an itti murtaa’eera. Kaan beellamaan jiru. kaan immoo qorannaatu irratti geggeessamaa jira.

Kanneen teessoon isaanii hin beekamninis jiru, isaanis barbaadamanii muriitti dhiyaatu. Shakkamaan gocha kana keessatti hirmaate kam iyyuu hin hafu. Ol aantummaa seeraa kabachiisuuf qiyyaafata keenya duraa waan ta’eef tokko utuu hin hafin murtiitti dhiyeessina jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:17 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG