Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA bori qawwee dhaantee, qaanqee waaqa keessa facaafattee guyyaa bilisummaa isi ulfeeffatti


FILE - Fireworks explode over the U.S. Capitol (L), the Washington Monument (C) and the Lincoln Memorial (R) in celebration of the 241st anniversary of the Declaration of Independence and the 4th of July holiday in Washington, July 4, 2017.

Biyyitii tun ganna 243n duratti Ingilaandi jalaa bilisoomte.Yaada guyyaa bilisummaa ulfeeffatanii qophii gammachuu qopheeffatan warra Amerikaa yayyabe American founding fathers keessaa Johan Adamsitti dhufeen.

Pirezidaantiin Amerikaa lammeessoon kun Adoolessa 3,bara 1776 niitii isaa Abigiliif guyyaa kana qawwee dhaanaa,dorgommii qopheeffachaa,baandii gamamchuutiin qopheeffanna jedhe.

Guyyaan abbootiin Amerikaa yayyaban bilisoomuu malle jedhanii irratti walii galan kalee irra oola.

Taatullee seera bilisummaa kana Adoolessa 4,1776 mallatteessan.Guyyaan bilisummaa Amerikaa kun bori irra oola.

Guyyaa kanatti waan durii hin tolchine pirezidaanti Tiraampi taankii waraana Amerikaa karaa irratti,xuyyuura waraana ammoo qillleesa irra oofanii akka ulfeessan hajaje.

Tanaaf horii miliyoona hedduutti baha jedhani.Paartiin Demokiraati guyyaan kun akka kanaan ulfeessuu hin malle jedhanii didan

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG