Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buqqqaatonni Naannoo Benishaangul Gumuzitti Deebi'an Gargaarsa Argachaa Hin Jirru jechuun Komatan


Buqqqaatonni Naannoo Benishaangul Gumuz, Aanaa Baloo Jagamfooyitti deebi’an gargaarsa midhaan nyaataa argachaa hin jirru, jechuun komatan.

Mootummaan meeshaalee qotiisaa fi sanyii facaafamu akka nuuf kennu ka waadaa galee ture tahus hanga yoonaa nuuf hin kennine jechuun VOAtti himan. Gama biraatiin, namootni gara Ganda Angar Shonkoraa jedhamutti deebi’anii turan olaantummaan seeraa waan kabajamaa hin jirreef, deebinee bahuuf dirqamneerra, jedhan.

Itti gaafatamaan Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Benishaangul Gumuz garuu, gargaarsi midhaan nyaataa gandoota aanaa Baloo Jagamfoyii lama irraan kanneen hafan kaaniif yeroo lama raabsamee jira, jedhu. Sanyii qonnaan-bultootni facaafatan kennuurratti harkifannaan jira jedhanii, “sanyii Boobee kennuuf jirra” jedhu.Uummatni nagaa isaa haa eeggatuu; yeroo rakkoon isa quunnamu ammoo qaama nagaa eegsisutti haa himatu, jedhanii jiru – aangawaan kun.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:44 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG