Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warra Ajjeechaa Tibba Darbe Beenishaangul Gumuzitti Raawwatameen Shakkaman Keessaa 14 Qabamuun Himame


Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Maanduraa keessatti Dilbata darbe namoota torba ajjeessuutti kanneen shakkaman namootni 14 qabaman, jedha - Biiroon Nageenyaa Naannichaa. Meeshaaleen isaan itti fayyadaman, jedhamee fi xiyyaawwanis qabamuu isaanii dubbatee jira.

Gama biraatiin, jiraattonni aanaa Maanduraa ganda Gannete-Maariyaam, “nageenya keenyaaf sodaanne” jechuudhaan gara naannoo Amaaraatti baqataa jiru, jechuun jiraataan tokko dubbatee jira. “Naannoo Amaaraa wajjin mari’achuun haala jiru tasgabbeessuuf jirra” jedhu – aangawaan Naannoo Benishaangul. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:42 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG