Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummata Affaar fi Oromoo Giddutti Walitti Bu’insii Uumamee Lubbuu Namootaa Galaafatee Jira


Wiixata darbee jechuun Adooleessa 8 bara 2019 Bulchiinsa naannoo Affaar Dawwee jedhamtuu fi godina saba Oromoo Dawwee Haarawwaa keessatti walitti bu’insa uumameen lubbuu namootaa darbuu itti gaafatamaa waajiira nageenyaa kan bulchiinsa naannoo Affaar Obbo Ahmad Mahammad beeksisanii jiru.

Ummata Oromoo fi kan Affaar gidduu hariiroo gaariin akka ture garu haala hin yaadaminiin walitti bu’iinsa ka’een gama namoota Affaar irraa 11 ajjeefamanii 6 madaa’uun ibsamee jira.

Bulchaan bulchiinsa saba Oromoo ObboAhmad Hassan walitti bu’iinsa oomisha Cilee waliin wal qabatee uumamee Kana tasgabeesuuf hojjatamaa akka jiru ibsa.Oromoota keessaa 6 ajjeefamuu fi 5 immoo madaa’uu ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG