Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Qorannoo Oromoo (OSAn) Seenaa Isaa Waggoota 33 Keessatti Yeroo Duraatiif Finfinneetti Kora Taa’uuf Deema


Prezidaantii OSA fi ogeettii seeraa Kuulanii Asaffaa Jaallataa
Prezidaantii OSA fi ogeettii seeraa Kuulanii Asaffaa Jaallataa

Waldaan Qorannoo Oromoo yokaan OSA, eega hundeessamee waggoota 33 booda yeroo duraatiif, kora isaa waggaa, Finfinneetti geggeeffaffachuuf qophiitti jira. Adoolessa 26 haga 28tti geggeessama kora geggeessamu kana ilaalchisee – Prezidaantii OSA bara kanaa – Dubree Kuulanii Asaffaa Jaallataa, Niwu Yoork irraa bilbilaan dubbiseen jira.

Waldaan qorannoo Oromoo, gurmuu hayyootaa fi barattootaa mirga Oromoof falman, kanneen beekumsa fi qorannoo waa’ee Oromoo guddisuu fi babal’isuutti cichaniin bara 1986 as Yunaayitid Isteetis keessatti hundeessame. Bara sana keessa, waraqaaleen qorannoo dhihaatan, barruulee fi kitaaboleen maxxansaman, kanneen seenaa Oromoo ukkaamsanii irra cehan yokaan jal’isanii dhiheessaniif, Takkummaa Itiyoophiyaa eeyummaan sabootaa keessatti hin mul’anne waan tureef, OSAn hundeessamuun isaa, ilaalchawwan kana dura dhaabachuuf, akkasumas, beekumsaa fi qorannaa waa’ee Oromoo guddisuuf dhaabbata bu’uraa tahe, jetti – Prezidaantiin Waldaa Qorannoo Oromoo yokaan OSA bara kanaa – durbee Kuulanii Jaallataa.

Boordii fi hoogganni OSA yokaan Waldaa Qorannoo Oromoo, maaliif kora bara kanaa gara Itiyoophiyaatti geessanii, Finfinneetti geggeessuuf akka murteessan ennaa ibsitus, “yeroo ammaa, biyyattiin yeroo cehumsaa addaa fi jijjiiramaa tokkotti galtee jirti. Carraan baname kun akka dhufu kan taasise sochii mormii Qeerroo fi Qarreen tahuu isaa dubbachuun qaba. Bara dabre mootummaan Abiyyi jijjiiramawwan hedduu, kanneen akka hidhamtoota siyaasaa hiikuu, dhaabota mormitootaa fi falmitota mirgaa yokaan rogeeyyii biyyoota alaa jiraatan akka biyya seenan afeeruu fi seerawwan hacuuccaa tokko tokko haquun isaa, carraa waan baneef, lammaffaa immoo: qabiyyeen mata-duree kora baranaa “Daangaa haaraa: deemsa jijjiirama waaraa argamsiisuu,” kan jedhutti hayyootaa fi dhaabbatoota biyya keessa jiran hirmaachisuun barbaachisaa waan taheef,” jetti. Qophii guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:26 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG