Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti Namoonni Ajjeefamnuu Jiratoonni Dubbataa Jiran


Marfata magaala Baddellee
Marfata magaala Baddellee

Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti, Torban darbe keessa Namootni sadii Hidhattoota mootummaan ajjeefamanii, manneen 280 gubatan, jechuun jiraattotni tokko tokko dubbatanii jiran.
Godinichumatti “Namootni soddoma hidhaman” jechuun jiraataan Beddellee tokko VOAtti himan.

Namoota hidhaman keessaa ‘Abbaa Gadaa Mokonnin Qana’aa erga hidhamanii torban sadii darbullee hanga yoonaa hin gadhiifamne ykn mana murtiitti hin dhiyaanne’ jechuun mucsyyoon isaanii dubbattee jirti.

Itti aanaan Bulchaa sanaa Cawwaaqaa namootni ajjeefamuu ilaalchisee akka odeeffannoo hin qabne dubbatanii, “manni jireenyaa gubate hin jiru, Shiftootni saddeet ammoo qabamaniiru,” jedhan. Bulchaan Godinichaa obbo Shaafii Huseen gama isaaniin,” qaamni seeraa nama yakka raawwate qulqulleessaa jira,” jechuun dubbatan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:41 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG