ADAAMAA —
Namoota mootumaan maqaa haaroomsaatiin Mooraa Leenjii Sanqalleetti walitti qabe keessaa hedduun dhukkubsachuu, kan du’anis jirachuu kanneen VOA himan ibsanii jiru.
Hospitaalli riferaalii Amboo namoonni Shan dhibamanii mooraa Sanqallee tii achi geessaman yaalamuu isaani ibsee, garuu kan dhufee du’e yokaan du’ee achi geessame akka hin jirre dubbate.
Biroon Bulchinsaa fi Nageenya Oromiyaa gama isaatiin kaneen biyya gooluu barbaadan tu dubbi bu’ura dhugaa hin qabne hafarsa, jedhee jira. Gabaasaa guutu caqasaa.