Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Poolisii Dirree Dhawaa Leenjii Fudhatan Xumuran


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Marsaa lamaan leenjiin poolisii Dirree Dhawaatii kennamaa ture xumuramee guutummaan gara hojii isaanii idileetti deebi’uu isaanii komiishinni poolisii bulchiinsichaa beeksisee jira.

Hawaasichaan irra deddeebi’uun amantaa dhabe jedhamuun komiin irratti dhiyaataa kan ture poolisiin Dirree Dhawaa tiyoorii fi hojii dhaan leenjii deggerame akka kennamuuf kalla’attiin kaa’amuu isaa ministrittiin nageenyaa adde Mufriyaat Kamiil baatii hedduu dura waltajjii nageenya Itiyoophiyaa bahaa Dirree Dhawaa irratti qophaa’e irratti beeksisanii turan.

Leenjii kana malee waaltaa kana jijjiiruuf hojiin hojjetamaa jiraachuu isaa itti gaafatamaan quunnamtii uummataa komiishinichaa Sajiin Baantaalem Girmaa beeksisaniiru jedha Addis Chekol Dirree Dhawaa irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG