Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Wallagga Lixaa Aanaalee Beegii, Gullisoo fi Mana-Sibuutti Namootni Lama Ajjeefamanii, Gariinis Hidhaman Jedhame


Godina Wallagga Lixaa Aanaalee akka Gullisoo, Mana-Sibuu fi Beegiitti namootni lama ajjeefamanii, kan hidhamanis jiru jechuun maatii fi jiraattotni hagi tokko ibsan.

Namootni kan ajjeefamanii fi hidhaman himata ‘Waraana Bilisummaa Oromoo’ hidhatee socho’u deggertu akkasumas nyaachistu jedhuuni jedhu kanneen yaada isaanii VOA Afaan Oromoof Kennan.

Bulchaan Aanaa Mana-Sibuu namootni qabamuu ibsuun haaromsa erga fudhatanii gadi dhiifamu jedhan.

Rakkoo Siyaasaa fi nageenyaan wal qabatee namootni hidhaman jiru jedhan.

Bulchitootni aanaalee Gullisoo fi Beegii komii

dhiyaate ilaalchisee akka odeeffannoo hin qabne himan.

Itti gaafatamaan waajjira Nageenyaa Godina Wallaggaa Lixaa gama isaaniin yoo qaamaan tahe malee bilbilaan komii kamirrattuu deebii kennuuf eyyemamaa akkan taane dubbatan.

Naakoor Malkaa dabalata isaa ergee jira

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:53 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG