Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waltajjiin Haiiroo Uummattoota Oromoo Fi Somaalee Deemsisamee Jira


Hoggantoota naannoo lamaanii

Waltajjiin hariiroo of uummataa fi uummataa, kan uummatoota Oromoo fi Somaalee, magaalaa Jijjiigaa fi magaalaalee ollaa keessatti qophii adda deemsisamee jira. Kaleessa Toogoo-caalee fi Dagahaaburitti, dhuungadda immoo jijjigaatti, bakka hoogganoonni siyaasaa, namoonni bebbeekamoo, artistoonnii fi jiraattonni godinaalee bakka-buufaman kan uummatoota lameenii argamanitti mariwwan geggeessaman

Moyaalee qabee hanga Shawaa bahaa daangaa fageenya km 1400 olii kan qooddata hoogganoonni fi uummanni naannoo Somaalee fi Oromiyaa waltajjii uummataa marsaa lammataa geggeessanii jiran.

Dheengadda waltajjii Jijjiigaatti geggeessame irratti itti aanaa prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimellis Abdiisaa uummanni Somaalee fi Oromoo obboloota ta’uu isaanii fi uummanni Oromoo walabummaaf qabsoo geggeesse keessatti uummanni Somaalee cina isaa dhaabachuu dubbataniiru jedhan gabaasaan VOA, Addis Chekkol.

Waltajjiin Haiiroo Uummattoota Oromoo Fi Somaalee Deemsisamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:47 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG