Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leellistummaan Gosaa Tokkummaa Biyyaaf Balaa Dha: Koree Hoji Raawwachiistuu ADWAUI


Miidiyaa hawaasaan kanneen calaqqisanii ilaalcha leellistumma gosaa keessaa ba’amuun akka irra jiraatu koreen hoji raawwachiistuu ADWAUI beeksiseera.

Xumura torban darbee darbee wal ga’ii isaa guyyoota lamaa kan xumure koreen hoji raawwachiistuu kun leellistummaan gosaa tokkummaa biyyaaf balaa akka ta’e illee tuqeera. Filannoon biyyoolessaa bara 2012 akka yeroo heerri eeyamuun akka geggeessamu koreen hoji raawwachiistuu EHADEG ejjennoo isaa ta’uu ibseera.

Jimaata darbe kan xumurame wal ga’iin koree hoji raawwachiistuu kun sadarkaa biyyaatti mul’ataa kan jiru leellistummaan gosaa tokkummaaf danqaa waan ta’eef itti duuluun barbaachisaa akka ta’etu ibsame.

Miseensa koree hoji raawwachiistuuf waajjira mana maree IHADEGtti itti gaafatamaan paartilee siyaasaa fi damee dhimmootii sivikii obbo Feqaaduu Tasamaa akka ibsanitti eenuymmaa lammummaa Itiyoopiyummaa walitti araarsanii wal dandeessisuun deemsisuutu barbaachisa jedhan.

Jijjiiramni dhufe sadarkaa barbaadameen fuula duratti akka tarkaanfatu kanneen fedhan akkuma jiran, isa duraanii qabatanii kan itti cuchuu barbaadan sadarkaa hooggansaatti akka jiru illee koreen hoji raawwachiistuu kun tuqee jira.

Kunis dhaabonni miseensa ADWAUI tokko ta’anii kallattii tokko irra ariifatanii akka hin deemne gochuun dadhabina keessaa ta’uu koreen kun gamaaggameera.

Leellistummaan Gosaa Tokkummaa Biyyaaf Balaa Dha: Koree Hoji Raawwachiistuu ADWAUI
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG