Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Gujii keessatti Namoonni 4 Ajjeefaman


Godiina Gujii dhiyaa aanaa Galaanaa fi nannoo uummattoota kibbaa aanaa Amaaroo keessatti guyoota lamaan darban haleellaa dhaqqabeen namoonni 4 ajjeefamuu angawoonni naanoo ibsaniiru.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni shan madaa’uun beekameera Gabaasa Yonaataan Zebdwoos Jalanetu dhiyeessa.

Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii Godiina Gujii aanaa Galaanaa obbo Gabayyoo Yaadataa/ shiftoonni naannoo sana dahatanii jirantu guyyoota lamaan darbe siiviloota irraan haleellaa geessise jedhan.

Aanaa Galaanaa keessaa namoonni sadii ajjeefamuu ibsanii jiru

Gama biraan bulchiinsa aanaaa Amaarrootti itti gaafatamaan dhimmootii komunikeeshinii ka ta’an obbo Amaare Akliiluu ganda baadiyyaa kombolchaa jedhamu keessatti naoota ja’a kanneen Bajaajjiin deemaa turan irratti dhukaasa banameen miidhamuu dubbatan.

Walumaa gala haleellaa godinaa sana kessatti raawwatameen namoonni afur ajjeefamanii ka biroon shan haala hamaa fi salphaan madaa’uun gabaafameera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:04 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG