Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan murtii Hong Kong Keessatti Ajaja Kennee Jira


Dirree xayyaaraa Hong Kong kan akka malee imaltoonni itti heddumaatan guyyaa lama booda hanga tokko hojii jalqabee jira.mormiitonni hojii eega dhaabsisanii polisii waliin walitti bu’anii guyyaa lama abbaan murtii ajaja kennuu isaa aangawoonni dirree xayyaaraa beeksisanii jiru.

Ajajii kennamees hiriira iddowwan muraasatti gaggeeffaman akka daangeeffaman ajaja. Kana malees balalii biyya alaa irraa gara Chaayinaatti godhamu akkasumas keessaa gara biyya alaatti gaggeeffamu danquu isaa ibsa.

Dirreen xayyaaraa mooraa mufannaan guutamee fi imaltoonni yoom balalii argatanii akka ba’an ykn nyaataa fi siree akka hin arganneef danqe.

Robii har’a garu balaliin xayyaaraa gara Hong Kong tti seenuus ta’e ba’u harka caalaan itti fufee jira./Xiqqoon garu balalii isaanii kan haqan ta’u marsariitiin dirree xayyaaraa ni agarsiisa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG