Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naqamtee Keessatti Kanneen Hidhaman Mana Murtiitti Hin Dhiyaatiin Jiru:Maatii


Masaraa Kumsaa Morodaa karra seensa isaa irra namoota firoottan isaanii achitti hidhamaniif nyaata geessan, Naqamtee

Magaalaa Naqamteetti "Miseensotni maatii keenya erga hidhamanii ji'i lama darbus hanga yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne yookaan hin gadhiifamane jechuun namoonni firri duraa hidhamuu komatan hagi tokko.

Mooraa Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti manni isaan keessa ciisan ibsaa hin qabu, bishaan qulqulluus waan hin arganneef dhibeef saaxilamaa jiru jedhu kunneen komee dhiyeessan kun.

Waajjira Nageenyaa magaalichaa fi Komaand Poostii Oromiyaa Lixaa, dhimma kana irratti dubbisuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Nageenyaa Naannoo Oromiyaa gama isaaniin "Namootni bilisa tahan akka gadhiifaman godhamaa jira, warri yakka raawwatan ammo akka seeratti dhiyaatan godhama" jedhan.

Naqamtee Keessatti Kanneen Hidhaman Mana Murtiitti Hin Dhiyaatiin Jiru:Maatii
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:35 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG