Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaan Waldaa Kristaanaa Ortodooksii Godiina Harargee bahaa keessatti Ajjeefaman


Faayilii - Luba Waldaa Kristaanaa Ortodooksii fannoo qabatee kadhannaa geggeessaa jiru, Fulbaana, 2016
Faayilii - Luba Waldaa Kristaanaa Ortodooksii fannoo qabatee kadhannaa geggeessaa jiru, Fulbaana, 2016

Bulchaa Gadaamii Qullubbii Gabri’eel kan turan Meleak Haayil Qomos Abba Inquusilaas sirna waldaa kristaanaa gaggeessanii mana ofitti galanii booda du’anii argamuu isaanii ibsamee jra.

Mana keessatti du’anii argamuu sana hordofee mormii ka’een namnii tokko ajjeefamee kanneen biroo 5 madaa’uu maddeen VOA..f ibsanii jiru.

Bulchaa ta’uun mudamanii iddoo sana eega dhaqanii baatii 4 yoo ta’u uummata waliinis walitti dhiyeenyaan hojjataa turan jedhamee jira.

Du’a isaanii kana booda mormii dhageesisuuf jiraataan magaalaa bobba’an polisoota waliin walitti bu’anii ijoollee keessaa tokko du’ee kanneen biroo shan madaa’uu isaanii ragaan argame ni agarsiisa jechuun Addis Chakool gabaaasa ergeen hubachisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG