Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Biyyootii G7 Dhimma Hong Koong Keessa Seenuu Hin Danda'an: Chaina


Gumii G7
Gumii G7

Ibsi hoogganoota Gurmuu G7 ofiin of bulchuun Hong Kong akka mirkanaa’u gaafachuun Chaayinaa biraa mormii cimaa dhaqqabsiise.

Hoogganoonni biyyoota industriin duroomanii xumura gumii isaanii irratti mormii kanneen domokdraasii leellisanii Hong Kong keessa muddamni torbanneen 12f dhaqqabsiise akka tasgabbaa’u gaafatn.

Dubbi himaan mnistriin haajaa alaa Chaayinaa Geng Shuang garuu yaalii hamminaa kan jidduu seeninsaa ti jedhan.

Geng tuuta oduuf ibsa kennaniin akka jedhanitti ibsa gumii hoogganoonni G7 dhimma Hong Hong keessa seenuu mormii cimaa dhaan akka itti hin gammanne beeksisna jedhan.

Itti dabaluu dhaanis dhimmi Hong Kong dhimma keessoo kan Chaayinaa akka ta’e dubbannee jirra. Kanaaf mootummaan alaa, dhaabi ykn namni dhuunfaa jidduu seenuuf midrga hin qabu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG