Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Kanneen Qabeenyaa Lamiiwwanii Saaman Akeekkachiisan


Afriikaan kibbaa haleellaa lammiiwwan biyyootii Afriikaa kan biroo irraa dhufan irratti raawwatamuuf kana booda obsa hin qabdu jechuu dhaan prezidaant Ramaafoosaan, ibsa viidiyoon waraabamee kaleessa twiiterii irratti maxxanfameen beeksisaniiru.

Hookkarri Afriikaa Kibbaa keessaa guyyoota sadaffaa qabatee ennaa jiru kanatti poolisiin gandeen Joonsbergii fi Pritooriyaa keessatti bobba’ee jira.

Naannolee hookkara kanaan iidhaman shan keessaa poolisiin namoota 90 to’annaa jala oolchee jira. Abbootiin suuqii irra hedduun namoota biyyootii alaa ta’an qabeenyaa isaaniitti deebi’anii ilaaluu waan sodaataniif jecha suuqileen duwwaa ta’an akka cufamanitti jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG