Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboleessi Muummicha Minsteeraa Briteen Aangoo Gad Dhiisan


Muummichi ministeeraa Briteen Booriis Joonseen obboleessi isaanii taayitaa ministeerummaa fi paarlaamaa gad dhiisuun isaanii rifaatuu ka biroo itti ta’ee jira.Jo Jonsen ergaa twiiterii erganiin taayitaa isaanii kan gad dhiisan ennaa ta’u walitti bu’iinsi maatii fi siyaasi wal faana hin deemu jedhan.

Torbanneen dhiyoo jedhan jedhan Jo-n maatii ofiif amanamuu fi dantaan biyyoolessaa muddama furmaata hin qabaanne jedhan. yeroo itti namoonni ka boriin iddoo koo taayitaa miseensummaa mana maree bakka bu’an amma jedhan.Jo Joonsen battala paarlaamaa dhiisanii ba’u ykn deebisanii filatamuu akka hin feene waanti beekame hin jiru.

Taayitaa gad dhiisuun isaanii erga muummichi ministeeraa obboleessi isaanii seera tumtotoa 21 kanneen tarsiimoo isaanii biyyattii gamtaa Awrooppaa keessaa Onkoloolessa 31 baasuuf dhiyeessan morman paartii keessaa ari’anii booda.Yaalii isaan biyya isaanii gamtaa Awrooppaa keessaa baasuuf godhan jalaa kufuun guyyoota lama keessatti kun yeroo sadaffaa ta’uu isaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG