FINFINNEE —
Boordiin filannoo biyyoolessa Itiyoophiyaa filannoo gara fuula duraatti geggeessu kan biyyattii keessatti kan kana dura geggeessamaa turettii adda akka ta’uuf jiru dura teessuun boordichaa kaleessa ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Jijjiirraan waajjira haadhootti jalqabame Savekeessaa hanga sadarkaa gadiitti kan itti fufu ta’uu beeksisan. Boordichi dhiibbaa qaama kam irraa iyyuu dhufu kan hin simanne ta’uu illee ibsaniiru.