Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Ammaa Gargaarsa Feena’ Lammilee Oromoo Liibiyaa Jiran


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mooraa baqattoota Abbuu Saliim jedhamuu fi kaan keessa ka jiraatan baqattoonni eegdonni miidhaa akka irraan gahaa jiran gargaarsas akka hin qabne dubbatuu

Baqattoonni Liibiyaa magaala Tiripoolii jiraatan ammas dhaabbileen namoomaa gargaarsaa nu qaqqabuu jechaan gargaarsa gaafataa jiru.

‘Ammaa Gargaarsa Feena’ Lammilee Oromoo Liibiyaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:02 0:00

Liibiyaa, keessumaa magaala guddittii Tiripoolii keessa baqattoonni jiraatan ammas haala yaaddessaa keessa jirraa jedhu. Lammileen Oromoo koolu galtummaan jiraatan mooraa jiraatan keessatti akka rakkataa jiran, waan nyaatan illee akka hin qabne dubbatu. Bayyaan Abdoo bara 2015, biyyaa bahe; ji’a caamsa liibiyaa erga gahee amma yoonaa mooraa to’annaa hidhattootaa jela jiru keessa jiraachuu dubbata.

Hasan Ibraahim; dhalataan Oromoo godina walloo kamisee bara 2016 biyyaa baqates, mooruma Abusaliim keessa Bayyaan fi lammilee Oromoo kaan waliin jiraata.

Hasan mooraan inni hiriyoota isaa waliin keessa jiraatu, mana kuusaa akka tahe himee, eegdonnis yeroo yeroon akka fedhan balaa nurraan geessisu jechuun dubbata. Baqataan biroo ka mooraa magaala Tiripooli jiru kaan keeessa jiraatu yaada naaf kenne Mohaammed Ahmed.

Mohaammed amma Naanno Tiripoolii bakka Sika jedhamu keessa jiraata; nyaatni fi gargaarsi muraasni nuuf dhiyaatus, haalli jiru garuu ammas sodaachisaadha jedha. Kanaafis baqattoonni kunneen gargaarsa gaafatu.

Lolli Liibiyaa keessatti dhiyeenya lafaa jalqabe ammas waan hin dhaabbanneef, UNHCR dabalatee dhaabbileen namoomaa kaan biyyattii dhiisanii bahaniiru; UNHCR garuu ammaa baqattoota harka hidhattootaa fi mootummaa jiraniif fala barbaaduuf mootummoolee addunyaa tumsa gaafataa jira. Baqattoonni garuu halli keessa jirru yeroo kan kennisiisu miti furmaata hatattamaa feenaa jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG