Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kantiibaan Magaalaa Gullisoo Ajjeefaman


Gullisoo,Oromiyaa
Gullisoo,Oromiyaa

Kantiibaan magaalaa Gullisoo obbo Abbaba Takkaaliny kaleessa galgala yeroof qaamota hin beekamneen ajjeefaman jedhe Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanichaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:00 0:00

Gama biraan, namootni lama aanichuma ganda Calliyaa Eekkaa jedhamutti humnoota mootummaan ajjeefamani jedhu jiraattotni naannichaa tokko tokko.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenya aanichaa dhimma kana akkan qulquleeffanne ibseera.

Oduu wal fakkaatuun, Godina Qellam Wallaggaa Magaalaa Gidaamiitti namootni lama dheengadda Humnoota mootummaan ajjeefaman jedhu namootni yaada isaanii VOAf kennan tokko tokko.

Walitti bu’iinsa Qaama mootummaa fi qaama hidhatee socho’u jidduutti uumam uummatni jidduutti dararamaa jira jechuunis kan dubbatan.

Bulchaan Aanaa Gidaamii gama isaaniin Sanbata Xiqqaa galgala Boombiin Humnoota mootummaa eegumsaaf bahan irratti waan darbamee tureef, dhukaasni tureera, eenyu akka namoota lamaan ajjeese qoratamaa jira jedhan.

Ajajoota Waraanaa Qaama hidhatee socho’u Waraana Bilisummaa Oromoo dhimma kanarratti dubbisuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG