Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mandii fi Wallagga Lixaa Bakkawwan Birootti Eenyu Boombii Dhoose?


Godinaa Wallagga Lixaa magaalaa Mandii keessatti boombii kaleessa ganama dhoheen namoota buufata waraana mootummaa jiran keessaa tokko du’ee sadii madaa’uu bulchaan Godina Wallagga Lixaa VOAtti himanii jiru.

Namoota naannoo sana turan keessaa hangi tokko, “sagaleen dho’iinsaa guddaa kan dhaga’ame tilmaamaan naannoo sa’aatii shaniitti yoo tahu, xiqqoo tureemmoo iyyatu dhaga’ame” jedhan.

Boombii kanas haa ta’u isa duraan Gullisoo keessatti dhoosameef itti gaafatamaan “Qaaama hidhatee bosona keessa socho’u -‘ABO Shanee ti,” jedhan Bulchaan Godinichaa. Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Maqaa Jaal Marroo jedhamuun beekaman Kumsaa Dirribaa garuu, “WBOn kana keessaa homaa harka hin qabu,” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:35 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG