Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Booranatti Dhukkubi Tiitte Gurraachaa Nama Kudhan Ajjeese’ Jiraattota


Hoospitaala Yaabello
Hoospitaala Yaabello

Dhukkub Naannoo Meeggaattii bifa weerararaan mullate jedhame kun namoota dhibbaan lakkaa’aman irraan miidhaa dhaqqabsiisuu jiraattonni VOA’f himanii jiru.  Waajjirri eegumsa fayyaa godina Booranaa fala barbaadaan jira jedha.

Godina Booranaa Aanaa Dirreetti dhukkubi tiitte gurraacha jedhamu, namoota kudhanii ol ajjeesuu jiraattonni himan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00


Baatii sadii as godina Booranaa Aanaa Dirree ganda Magaadoo keessatti weerara dhukkuba tiittee gurraacha jedhamu ka ciniinnaa tisiisaan namaa namatti darbuun lubbuun namoota kudhanii darbuu jiraattonni dubbata. Jiraataan Magaadaa obbo Kateelo kottoo ammallee nami ganda isaanii dhukkuba kanaan rakkachaa akka jiru dubbatu.

Obbo Kateelo namootni dhukkbsatan hedduun yaalaaf gara Hospitaala yaaballootti geeffamanii jiraachuu himanii, mucaan obboleessa isaanii ganna lamaa dhukkubuma kanaan lubbuunshee darbuu dubbatan.​

Jiraataan Ganda Magaadoo weerara dhukkubaa ganda isaanii keessatti mudate to’achuuf mootummaan haga danda’e yaalus dhukkubi kun ammaa ummata miidhaa jiraa jedhu.

Waa’ee dhibee jiraattota miidhaa jiru kana waajjira Eegumsa Fayyaa godina Booranaa gaafannee jirra. Obbo Wegenee Alemaayyehu qajeelcha eegumsa fayyaa Godina Booranaatti dursaa kutaa qorannoo dhukkuboota naannoo ho’aatti mullataniiti.

Obbo Wegeneen dhukkubni kun ganda kana keessatti waantinni mullateef biyyeen kootichaa, buphaa titiisi kun itti wal hortu waan jiruuf ta’uu himanii jiru.

Dhukkuba kana to’achuuf hawaasi godina booranaa bakka titiisni kun itti wal hortu akka irraa fagaatu, agoobara uffutanii bulanis jiraattota naannoof mootummaan raabsaa jiraa jedhu. Dhukkubi kun weeraraan mullachuu isaafis qorataan laabraatorii Biiroo Eegumsa fayyaarraa fuudhee deemee akka jiru, gabaasi isaas guyyoota sadan dhufan keessatti ifa ta’ee tarkaanfiin itti aanu fudhatams jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG