Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Gujii fi Rakkoo Nageenyaa Jiraattota Miidhaa Jiru


Gooro Doolaa
Gooro Doolaa

Jiraattonni Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa raayyaan ittisa biyyaa hojii nageenya naannoo kabachiisu jimaata dabre kana aanichatti namoota sadii ajjeeseera jedhu.

Jiraataan Gooro Doolaa maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko namootni kun jalqaba torbee darbee toa’annaa jela erga oolfamanii booda mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman jedhu.

Ajjeechaa Gujii fi Rakkoo Nageenyaa Jiraattota Miidhaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:42 0:00
Raayyaan Ittisa biyyaa ganda Raaroo keessaa mana gubanii adoo deebiyanii warra hidhatee jiru waliin walitti bu’an sana booda walitti dhukaasanii namootni hedduun hidhaman. Sana booda jimaata darbe halkan guuranii namoota sadan kaan ajjeesan
Jiraataa ganda Raaroo

Jiraataan kun dabalanii waa’ee namoota ajjeefaman jedhanii yoo himani, tokko obbo Dhaddacha Mi’eessaa, lammeen dargaggeessa ganna 15 Abdullaahii Goluu jedhamuu fi barataa kutaa 10 Kattee Uturaa tahuu himan. Warra kana sadeen keessaa Abdullaahii Goluu obboleessi isaa tokko warra maqaa WBO’n naannoo keessa socho’u keessa waan jiruuf tarkaanfiin kun irratti fudhatamuu hin hafne jedhu. Namoota sadeen ajjeefaman jedhame kanattis dabalata namootni hedduun Gooro Doolaatti guyyuma kana hidhamanii to’annaa poolisii jela jiruu jechuun dubbatu. ‘warra ajjeefame kana namni isaan awwaale hin jiru, ajjeesanii goodaatti darban; sana booda warra ollaa turaniin biyyee itti deebisaa jedhan firrillee bahee hin awwaalle.’ Jiraataa ganda Raaroo

Jiraattonni waa’ee nageenya naannoo Gujii jiru ilaalchisee ammas nageenyi amansiisaa jedhamu hin jiru jedhu. Kanaafis kan komatan qaamoleen lamaan hawaasa jidduutti lola gaggeessaa jiraachuu isaaniiti. Obbo Boggaaleen jiraataa Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaati. Humni maqaa WBO’n Gujii keessa socho’u odoo wal gahii hojii gamtaa qonnaan bultoota naannoo Gujii Bulee hora gaggeessan isaan butuu himan.

‘Warri maqaa WBO’n hidhatee wal gahii gubbaa utuu jirruu dhufanii nu marsanii dhukaasanii, naan na fuudhanii deeman, sana booda guyyaa 24 na hidhanii meeshaa fi qarshii na harka ture na harkaa fuudhanii boodarra lakkifame’ Obbo Boggaalee; jiraataa Bulee Horaa

Obbo Boggaaleen sababa to’annoo jela oolfamaniif yoo dubbatan; wal gahii qonnaan bultootaa waamuu fi darbees wal gahii kaan Shaashamanneerratti yaamame dhaqee hirmaachuu isaaniitiif tahuu himu.

Jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennan ammas maqaa WBO’n naannoo Gujii keessa ka socho’an hidhattoonni namootarraan miidhaa geessisaa jiruu jechuun komatu. Himata dhiyaatu kana garuu Itti Aanaan Ajajaa ‘WBO’ Gujii Bahaa ta’uu kan himan Waaqumsaa Guutuu haalanii jiru.

‘Waraanni Bilisummaa Oromoo saba falmuuf irraan miidhaa hin geessisu; kun soba.’ Waaqumsaa Guutuu Ajajaaa WBO Gujii Bahaa

Obbo Waaqumsaan wal waraansa humna naga kabachiiftota mootummaa duuka taasifne jedhan irratti warra boojine jedhan miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi kaan nagaatiin qe’ee isaaniitti deebisneerras jechaan himanii, ammas wal waraansi qaama nageenya mootummaa fi humna isaan gaggeessan jidduutti gaggeeffamaa jiraachuu dubbatu.

Nuti warra Kanaan gufuu qabsoo jenna warra kana nama 200 boojine mootummaaf deebisneerra.
Waaqumsaa Guutuu Ajajaaa WBO Gujii Bahaa

Waa’ee dhimma wal walraansa WBO fi Raayya Ittisa Biyyaa, darbees ajjeechaa jimaata darbe Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti raawwatamuu himame ilaalchisuun biiroon bulchiinsa fi nageenyaa Oromiyaa gaafatamee deebii kenneera. Waajjirichatti Itti Aanaa Hooggnaa ka ta’an Koloneel Abbebee Garasuu, ajjeefamuu namoota kanaa quba hin qabuu jechaan Sagalee Ameerikaaf himan. Koloneel Abbebeen raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii yoo fudhatu waajjirri isaanii akka hordofu himanii dogongorri yoo uumamus walumaan sirreessinaa jedhu.

Amma haalli nageenyaa foyya’aa akka jiru, humni nageenyaa ka mootummaa Oromiyaas hojii nagaa kabachisuu kana hordofaa jiraachuu himanii, haa ta’u male ammas gandoota baadiyyaa godinaalee gujii lameen, Wallaggaa fi Boorana tokko tokko keessa ammas haalli nageenyaa amansiisaa ta’e hin jiru jechuun dubbatanii jiru. Waan Ajajaan WBO miseensota raayya ittisa biyyaa dabalatee namoota 200 boojine qe’eef deebifneerra jedhan garuu ‘Soba’ jedhanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG